Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v2.0.2
Skip to content
Opened
en
Today
Ask
Read
Journey
More
Mark
Mark
15
GAX
BSB
A
a
Mark 15
15
Mark
Death and resurrection
Guji Oromo Bible
Pilate
, person
Jesus
, person
Barabbas
, person
Elias
, person
Magdalene
, place
Mary Magdalene
, person
Joseph
, person
Joses
, person
13 more
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.
BSB
BSB:
Early in the morning, the chief priests, elders, scribes, and the whole Sanhedrin devised a plan. They bound Jesus, led Him away, and handed Him over to Pilate.
2
GAX
Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaa tii?» jedhee isa gaafate. Yesuus, «Maarre atuu jette» jedhee deebise.
BSB
BSB:
So Pilate questioned Him, “Are You the King of the Jews?”
“You have said so,”
Jesus replied.
3
GAX
Sooreyyiin hayyootaa waan heddu'uun isa himatane.
BSB
BSB:
And the chief priests began to accuse Him of many things.
4
GAX
Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.
BSB
BSB:
Then Pilate questioned Him again, “Have You no answer? Look how many charges they are bringing against You!”
5
GAX
Yesuus ammoo, ammalle womaa hin deebinne; Philaaxoos waan kana baaseffate.
BSB
BSB:
But to Pilate’s amazement, Jesus made no further reply.
6
GAX
Yennaa Jila Irra Dabaramaa, Philaaxoos worra hidhamane keessaa nama tokkocha, ka kolbaan gaafatte aadaa hiiku qaba.
BSB
BSB:
Now it was Pilate’s custom at the feast to release to the people a prisoner of their choosing.
7
GAX
Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.
BSB
BSB:
And a man named Barabbas was imprisoned with the rebels who had committed murder during the insurrection.
8
GAX
Gumiin wolitti qabantee, Philaaxoos akkuma qara tolchu akka tolchuuf yennaa gaafatte,
BSB
BSB:
So the crowd went up and began asking Pilate to keep his custom.
9
GAX
inni, «Isin akka ani mootii Yihudootaa isinii hiikuuf barbaaddanii?» jedhee isaan gaafate.
BSB
BSB:
“Do you want me to release to you the King of the Jews?” Pilate asked.
10
GAX
Inni sooreyyiin hayyootaa akka Yesuus hinaaffa'aan dabarsanee isatti kennane beekeera.
BSB
BSB:
For he knew it was out of envy that the chief priests had handed Jesus over.
11
GAX
Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.
BSB
BSB:
But the chief priests stirred up the crowd to have him release Barabbas to them instead.
12
GAX
Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.
BSB
BSB:
So Pilate asked them again, “What then do you want me to do with the One you call the King of the Jews?”
13
GAX
Isaan, «Isa fannisi!» jedhanee hogisane.
BSB
BSB:
And they shouted back, “Crucify Him!”
14
GAX
Philaaxoos, «Maaf akkana jettan? Maan yakke?» jedhee gaafate. Isaan ammoo, «Isa fannisi!» jedhanee guddisanee hogisane.
BSB
BSB:
“Why?” asked Pilate. “What evil has He done?” But they shouted all the louder, “Crucify Him!”
15
GAX
Philaaxoos gumii gammachiisu'uuf barbaadee, Barabbaa isaaniif hiike. Achiin duuba inni Yesuus liche'een dhaansisee akka fannifamuuf dabarsee kenne.
BSB
BSB:
And wishing to satisfy the crowd, Pilate released Barabbas to them. But he had Jesus flogged, and handed Him over to be crucified.
16
GAX
Loltooti Yesuus gara moonaa galma mooti'ii keessa geessanee, loltoota san keessaa worra hafanelle waamanee wolitti qabane.
BSB
BSB:
Then the soldiers led Jesus away into the palace (that is, the Praetorium) and called the whole company together.
17
GAX
Isaan woyaa dhiillee itti uffisane, dameelee qore'eetiin kallacha hujanee mataa isaatitti keyane.
BSB
BSB:
They dressed Him in a purple robe, twisted together a crown of thorns, and set it on His head.
18
GAX
Achiin duuba isaan, «Mootii Yihudootaa jiraadhu!» jedhaa isa nageya fuudhane.
BSB
BSB:
And they began to salute Him: “Hail, King of the Jews!”
19
GAX
Isaan mataa Yesuusii ule'een dhaananee, hancufa itti tufanee, akka waan isa ulfeessanuu sobanee duratti jilbiiffatanee, isaa sagadane.
BSB
BSB:
They kept striking His head with a staff and spitting on Him. And they knelt down and bowed before Him.
20
GAX
Isaan itti taphataneen duuba woyaa dhiillee san irraa baasanee, woyaa isaa deebisanee itti uffisane. Achiin duuba gad baasanee fannisiisaaf isa geessane.
BSB
BSB:
After they had mocked Him, they removed the purple robe and put His own clothes back on Him. Then they led Him out to crucify Him.
21
GAX
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
BSB
BSB:
Now Simon of Cyrene, the father of Alexander and Rufus, was passing by on his way in from the country, and the soldiers forced him to carry the cross of Jesus.
22
GAX
Isaan Yesuus gara Golgootaa, addee «Buqqii mata'aa» jedhantu geessane.
BSB
BSB:
They brought Jesus to a place called Golgotha, which means The Place of the Skull.
23
GAX
Achitti daadhii woyni'ii qumbi'iin makanee Yesuusiif kennane; inni ammoo unuu didate.
BSB
BSB:
There they offered Him wine mixed with myrrh, but He did not take it.
24
GAX
Achiin duuba isaan Yesuus fannisanee, woyaa isaa eennu fa'a akka geettu beekiisaaf hixaa buufataa qoqoodamane.
BSB
BSB:
And they crucified Him. They also divided His garments by casting lots to decide what each of them would take.
25
GAX
Yennaan isaan Yesuus fannisane sun barii saatii sad.
BSB
BSB:
It was the third hour when they crucified Him.
26
GAX
Beessisi yakkaa inni itti himatamee, «Mooticha Yihudootaa» jedha.
BSB
BSB:
And the charge inscribed against Him read: THE KING OF THE JEWS.
27
GAX
Isaan alagaltoota lamaan, tokkocha middaan, tokkocha bita'aan Yesuus woliin fannisane. [
BSB
BSB:
Along with Jesus, they crucified two robbers, one on His right and one on His left.
28
GAX
Akka kanaan Barreeffam Woyyichi, «Inni yakkaameyyii woliin laakkowame» jedhu muummowe.]
BSB
BSB:
Not in the BSB
Not in the earliest manuscripts
29
GAX
Worri achiin dabaranu, mataa ifi raasaa, «Hay! Ati Galma Waaqaa diiddee guyyaa saditti deebittee ka ijaartu!
BSB
BSB:
And those who passed by heaped abuse on Him, shaking their heads and saying, “Aha! You who are going to destroy the temple and rebuild it in three days,
30
GAX
Me ifi fayyisiitii fannoo irraa gad bu'i!» jedhaa Yesuus arrassane.
BSB
BSB:
come down from the cross and save Yourself!”
31
GAX
Akkasuma sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yesuusitti taphatane. Isaan wol woliin, «Inni worra dhibii fayyiseera, mataa ifii ammoo fayyisiisa hin dande'u!
BSB
BSB:
In the same way, the chief priests and scribes mocked Him among themselves, saying, “He saved others, but He cannot save Himself!
32
GAX
Inni Masiihii, Mootii Israa'el yoo te'e, fannoo irraa ifi buusuu ti! Achiin duuba nuutille dhagginee isatti dhugeeffanna!» jedhane. Jarri lamaan Yesuus woliin fannifamanelle isa arrassane.
BSB
BSB:
Let the Christ, the King of Israel, come down now from the cross, so that we may see and believe!” And even those who were crucified with Him berated Him.
33
GAX
Orraa saatii jaan jalqabee, haga saatii sagalii latti duudiin dukkanootte.
BSB
BSB:
From the sixth hour until the ninth hour darkness came over all the land.
34
GAX
Saatii sagalitti Yesuus, «Elo'ii, Elo'ii, lamaa sabaktanii?» jedhee qoonqoo guddo'oon iyye; akkas jechuun, «Waaqa Kiyya, Waaqa Kiyya, maaf na lakkittee?» jechu'u.
BSB
BSB:
At the ninth hour, Jesus cried out in a loud voice,
“Eloi, Eloi, lema sabachthani?”
which means,
“My God, My God, why have You forsaken Me?”
35
GAX
Worra achi dhaabbataneeranu keessaa gariin kana dhage'anee, «Dhage'aa, inni Eliyaas waamiisatti jira» jedhane.
BSB
BSB:
When some of those standing nearby heard this, they said, “Behold, He is calling Elijah.”
36
GAX
Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.
BSB
BSB:
And someone ran and filled a sponge with sour wine. He put it on a reed and held it up for Jesus to drink, saying, “Leave Him alone. Let us see if Elijah comes to take Him down.”
37
GAX
Yesuus qoonqoo guddo'oon iyyee du'e.
BSB
BSB:
But Jesus let out a loud cry and breathed His last.
38
GAX
Gollaan Galma Waaqaa keessatti gollaneeranu gubbaa haga gadii addee lamatti tarsa'e.
BSB
BSB:
And the veil of the temple was torn in two from top to bottom.
39
GAX
Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.
BSB
BSB:
When the centurion standing there in front of Jesus saw how He had breathed His last, he said, “Truly this man was the Son of God!”
40
GAX
Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.
BSB
BSB:
And there were also women watching from a distance. Among them were Mary Magdalene, Mary the mother of James the younger and of Joses, and Salome.
41
GAX
Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
BSB
BSB:
These women had followed Jesus and ministered to Him while He was in Galilee, and there were many other women who had come up to Jerusalem with Him.
42
GAX
Guyyaa, guyyaa Sanbataatiin duraa, gaafa qopheeffata Yihudootaa gara galgalaa,
BSB
BSB:
Now it was already evening. Since it was Preparation Day (that is, the day before the Sabbath),
43
GAX
Yoseefiin qachaa Armaatiya'aa ka miseensa kora murtii Yihudootaa keessatti ulfaata'aa fi dhufa mootummaa Waaqaa eegatiisatti jiru dhufee, gadhaa jabeennaan Philaaxoos dura dhikaatee reeffa Yesuusii akka isaa kennuuf gaafate.
BSB
BSB:
Joseph of Arimathea, a prominent Council member who himself was waiting for the kingdom of God, boldly went to Pilate to ask for the body of Jesus.
44
GAX
Philaaxoos akka Yesuus qaata du'e yennaa dhage'ee maadeffate. Inni ajajaa dhibbaa waamee akka Yesuus du'eeru isa gaafate.
BSB
BSB:
Pilate was surprised to hear that Jesus was already dead, so he summoned the centurion to ask if this was so.
45
GAX
Philaaxoos ajajaa dhibbaa irraa oduu fuudheen duuba, reeffa Yoseefiif kenne.
BSB
BSB:
When Pilate had confirmed it with the centurion, he granted the body to Joseph.
46
GAX
Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.
BSB
BSB:
So Joseph bought a linen cloth, took down the body of Jesus, wrapped it in the cloth, and placed it in a tomb that had been cut out of the rock. Then he rolled a stone against the entrance to the tomb.
47
GAX
Maariyaamiin qachaa Magdala'aatii fi Maariyaamiin haati Yoseefii addee reeffi Yesuusii itti awwaalame hubatanee dhaggane.
BSB
BSB:
Mary Magdalene and Mary the mother of Joseph saw where His body was placed.
Chapter complete
You’ve read Mark 15
Chapter 15 of 16 in Mark
Up next
Mark 16
Read Mark 16
Back to Mark 14
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Mark 15
A question this chapter raises
Did Jesus really die on the cross?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Mark 14
Mark 15
Mark 16