Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.41.7
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Mark
Mark
2
GAX
BSB
A
a
Mark 2
2
Mark
Ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
David
, person
John
, person
Abiathar
, person
Capernaum
, place
Levi
, person
Alphaeus
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Guyyaa diqqa'aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi'ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette.
BSB
BSB:
A few days later Jesus went back to Capernaum. And when the people heard that He was home,
2
GAX
Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu,
BSB
BSB:
they gathered in such large numbers that there was no more room, not even outside the door, as Jesus spoke the word to them.
3
GAX
jarri takka nama afur te'anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba'atanee gara Yesuusii fidanee dhufane.
BSB
BSB:
Then a paralytic was brought to Him, carried by four men.
4
GAX
Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba'aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane.
BSB
BSB:
Since they were unable to get to Jesus through the crowd, they uncovered the roof above Him, made an opening, and lowered the paralytic on his mat.
5
GAX
Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
BSB
BSB:
When Jesus saw their faith, He said to the paralytic,
“Son, your sins are forgiven.”
6
GAX
Barsiisoti Seera Muuse'ee ka achi tetee'aneeranu tokko tokko,
BSB
BSB:
But some of the scribes were sitting there and thinking in their hearts,
7
GAX
«Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande'a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
BSB
BSB:
“Why does this man speak like this? He is blaspheming! Who can forgive sins but God alone?”
8
GAX
Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba'aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan?
BSB
BSB:
At once Jesus knew in His spirit that they were thinking this way within themselves.
“Why are you thinking these things in your hearts?”
He asked.
9
GAX
Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu'utti kaso'o?
BSB
BSB:
“Which is easier: to say to a paralytic, ‘Your sins are forgiven,’ or to say, ‘Get up, pick up your mat, and walk’?
10
GAX
Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween,
BSB
BSB:
But so that you may know that the Son of Man has authority on earth to forgive sins...”
He said to the paralytic,
11
GAX
«Ani si'iin jedha, ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
BSB
BSB:
“I tell you, get up, pick up your mat, and go home.”
12
GAX
Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka'ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
BSB
BSB:
And immediately the man got up, picked up his mat, and walked out in front of them all. As a result, they were all astounded and glorified God, saying, “We have never seen anything like this!”
13
GAX
Ammalle Yesuus gara qarqara abbaayaa Galiila'aa dhaqe. Gumiin guddoon gara isaa dhuttee, inni isaan barsiise.
BSB
BSB:
Once again Jesus went out beside the sea. All the people came to Him, and He taught them there.
14
GAX
Inni karaa saniin adoo dabaruu, Lewwii ilma Alfewoosii addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen. Innille ka'ee isa hordofe.
BSB
BSB:
As He was walking along, He saw Levi son of Alphaeus sitting at the tax booth.
“Follow Me,”
He told him, and Levi got up and followed Him.
15
GAX
Eega san Yesuus mana Lewwi'iititti sagalee areerratiisatti jiraayyu. Namooti hedduun waan isa hordofaneeranuuf, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun Yesuusii fi barattoota isaa woliin sagalee areerratiisaaf qori'itti hiiqanee tetee'aneeraniiyyu.
BSB
BSB:
While Jesus was dining at Levi’s house, many tax collectors and sinners were eating with Him and His disciples—for there were many who followed Him.
16
GAX
Worra Fariisaayota keessaa barsiisota Seera Muuse'ee ka te'ane, Yesuus worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerratuun dhagganee, «Maaf inni worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin areerrata?» jedhanee barattoota isaa gaafatane.
BSB
BSB:
When the scribes who were Pharisees saw Jesus eating with these people, they asked His disciples, “Why does He eat with tax collectors and sinners?”
17
GAX
Yesuus waan kana dhage'ee, «Namoottaan fayyaa hin qanneef malee, fayyaaleyyi'iif ogeessi hin barbaachisu. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf malee, balchoota waamiisaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
On hearing this, Jesus told them,
“It is not the healthy who need a doctor, but the sick. I have not come to call the righteous, but sinners.”
18
GAX
Guyyaa tokko barattooti Yohaannisiitii fi Fariisaayoti yennaa laamanu, jarri tokko gara Yesuusii dhufanee, «Barattooti Yohaannisiitii fi barattooti Fariisaayotaa hin laaman. Barattooti teeti ammoo maaf laamuu dhaban?» jedhanee isa gaafatane.
BSB
BSB:
Now John’s disciples and the Pharisees were often fasting. So people came to Jesus and asked, “Why don’t Your disciples fast like John’s disciples and those of the Pharisees?”
19
GAX
Yesuus ammoo deebisee, «Jaaloti waajibaa, adoo inni isaan woliin jiruu hin laamanii? Haga inni isaan woliin jiru hin laamanu.
BSB
BSB:
Jesus replied,
“How can the guests of the bridegroom fast while He is with them? As long as He is with them, they cannot fast.
20
GAX
Ammoo guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; isaan guyyaa san laaman.
BSB
BSB:
But the time will come when the bridegroom will be taken from them; then they will fast.
21
GAX
«Woyaa dullatti'itti erbee haareya eennulle hin erbu; yoo erbe, erbeen haaretti sun woyaa dullattii san shuntuurachiittee hin tarsaatti; tarsa'iisi isi'iille ka qaraa ka caalu te'a.
BSB
BSB:
No one sews a patch of unshrunk cloth on an old garment. If he does, the new piece will pull away from the old, and a worse tear will result.
22
GAX
Akkasuma daadhii Woyni'ii ta hin bayin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; yoo naqe daadhiin sun qalqalluu san hin dhoochi; daadhi'ii fi qalqalluulle hin badan. Tanaa mannaa daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu qaddi» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
And no one pours new wine into old wineskins. If he does, the wine will burst the skins, and both the wine and the wineskins will be ruined. Instead, new wine is poured into new wineskins.”
23
GAX
Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus fichaa qamadi'ii keessa dabaruun, barattooti isaa adoo isa woliin ideemanuu qamadii bubuqqifatiisa jalqabane.
BSB
BSB:
One Sabbath Jesus was passing through the grainfields, and His disciples began to pick the heads of grain as they walked along.
24
GAX
Fariisaayoti Yesuusiin «Ilaali, barattooti teeti guyyaa Sanbataatiin akka hin tolchine Seeraan waan dhooggame maaf tolchan?» jedhane.
BSB
BSB:
So the Pharisees said to Him, “Look, why are they doing what is unlawful on the Sabbath?”
25
GAX
Yesuus deebisee, «Daawiti waan nyaatu dhabee, yennaa innii fi worri isaa woliin jiranu beelowane, waan inni tolche isin ijjumaa hin dubbinnee?
BSB
BSB:
Jesus replied,
“Have you never read what David did when he and his companions were hungry and in need?
26
GAX
Bara Abiyaataar Hayyicha Guddaa te'eerutti, mana Waaqaa seenee daabboo Waaqa dura dhikaattu, hayyoota qofaaf ka Seerri kennu nyaatee, worra isa woliin jiranuufille kenne» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
During the high priesthood of Abiathar, he entered the house of God and ate the consecrated bread, which was lawful only for the priests. And he gave some to his companions as well.”
27
GAX
Achiin duuba Yesuus «Sanbatattuu namaaf dadame malee, nami Sanbataaf hin dadanne.
BSB
BSB:
Then Jesus declared,
“The Sabbath was made for man, not man for the Sabbath.
28
GAX
Maarre Ani Ilmi Namaa Sanbataafille Gootta'a» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
Therefore, the Son of Man is Lord even of the Sabbath.”
Chapter complete
You’ve read Mark 2
Chapter 2 of 16 in Mark
Up next
Mark 3
Read Mark 3
Listen
Back to Mark 1
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Mark 2
A question this chapter raises
Did Jesus ever claim to be God?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Mark 1
Mark 2
Mark 3