Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.41.7
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Mark
Mark
5
GAX
BSB
A
a
Mark 5
5
Mark
Ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Jesus
, person
Peter
, person
John
, person
James
, person
Gerasa
, place
Decapolis
, place
Jairus
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa dhufane.
BSB
BSB:
On the other side of the sea, they arrived in the region of the Gerasenes.
2
GAX
Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu'een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe.
BSB
BSB:
As soon as Jesus got out of the boat, He was met by a man with an unclean spirit, who was coming from the tombs.
3
GAX
Namichi kun irreensota odduu le'eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille'een isa hidhuu hin dandeenne.
BSB
BSB:
This man had been living in the tombs and could no longer be restrained, even with chains.
4
GAX
Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne.
BSB
BSB:
Though he was often bound with chains and shackles, he had broken the chains and shattered the shackles. Now there was no one with the strength to subdue him.
5
GAX
Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle'een ifi duguugaa ture.
BSB
BSB:
Night and day in the tombs and in the mountains he kept crying out and cutting himself with stones.
6
GAX
Inni fago'otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee,
BSB
BSB:
When the man saw Jesus from a distance, he ran and fell on his knees before Him.
7
GAX
iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe.
BSB
BSB:
And he shouted in a loud voice, “What do You want with me, Jesus, Son of the Most High God? I beg You before God not to torture me!”
8
GAX
Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama'a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
BSB
BSB:
For Jesus had already declared,
“Come out of this man, you unclean spirit!”
9
GAX
Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate. Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca'a» jedhee deebise.
BSB
BSB:
“What is your name?”
Jesus asked. “My name is Legion,” he replied, “for we are many.”
10
GAX
Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
BSB
BSB:
And he begged Jesus repeatedly not to send them out of that region.
11
GAX
Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu.
BSB
BSB:
There on the nearby hillside a large herd of pigs was feeding.
12
GAX
Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane.
BSB
BSB:
So the demons begged Jesus, “Send us to the pigs, so that we may enter them.”
13
GAX
Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante.
BSB
BSB:
He gave them permission, and the unclean spirits came out and went into the pigs, and the herd of about two thousand rushed down the steep bank into the sea and drowned in the water.
14
GAX
Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te'e kana ilaalu'uuf dhufane.
BSB
BSB:
Those tending the pigs ran off and reported this in the town and countryside, and the people went out to see what had happened.
15
GAX
Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama'aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te'eeruun dhagganee sodaatane.
BSB
BSB:
When they came to Jesus, they saw the man who had been possessed by the legion of demons sitting there, clothed and in his right mind; and they were afraid.
16
GAX
Worri dhaggane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te'ane kolba'atti odeessane.
BSB
BSB:
Those who had seen it described what had happened to the demon-possessed man and also to the pigs.
17
GAX
Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane.
BSB
BSB:
And the people began to beg Jesus to leave their region.
18
GAX
Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama'aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate.
BSB
BSB:
As He was getting into the boat, the man who had been possessed by the demons begged to go with Him.
19
GAX
Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi'ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si'iif godhe, attam akka inni si'iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus would not allow him.
“Go home to your own people,”
He said,
“and tell them how much the Lord has done for you, and what mercy He has shown you.”
20
GAX
Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage'ane martinuu jajane.
BSB
BSB:
So the man went away and began to proclaim throughout the Decapolis how much Jesus had done for him. And everyone was amazed.
21
GAX
Yesuus deebi'ee hobolo'oon gara abbaaya'aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya'aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante.
BSB
BSB:
When Jesus had again crossed by boat to the other side, a large crowd gathered around Him beside the sea.
22
GAX
Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee,
BSB
BSB:
A synagogue leader named Jairus arrived, and seeing Jesus, he fell at His feet
23
GAX
«Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du'iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne'ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
BSB
BSB:
and pleaded with Him urgently, “My little daughter is near death. Please come and place Your hands on her, so that she will be healed and live.”
24
GAX
Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
BSB
BSB:
So Jesus went with him, and a large crowd followed and pressed around Him.
25
GAX
Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi'ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu.
BSB
BSB:
And a woman was there who had suffered from bleeding for twelve years.
26
GAX
Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne.
BSB
BSB:
She had borne much agony under the care of many physicians and had spent all she had, but to no avail. Instead, her condition had only grown worse.
27
GAX
Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe.
BSB
BSB:
When the woman heard about Jesus, she came up through the crowd behind Him and touched His cloak.
28
GAX
Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte.
BSB
BSB:
For she kept saying, “If only I touch His garments, I will be healed.”
29
GAX
Yennuma san dhiigi isi'ii lola'uu lakkisee, dhibee ifii irralle'ee akka fayyite itti dhage'ame.
BSB
BSB:
Immediately her bleeding stopped, and she sensed in her body that she was healed of her affliction.
30
GAX
Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu'utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
BSB
BSB:
At once Jesus was aware that power had gone out from Him. Turning to the crowd, He asked,
“Who touched My garments?”
31
GAX
Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane.
BSB
BSB:
His disciples answered, “You can see the crowd pressing in on You, and yet You ask,
‘Who touched Me?’”
32
GAX
Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
BSB
BSB:
But He kept looking around to see who had done this.
33
GAX
Dubartittiin waan isi'iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte.
BSB
BSB:
Then the woman, knowing what had happened to her, came and fell down before Him trembling in fear, and she told Him the whole truth.
34
GAX
Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe.
BSB
BSB:
“Daughter,”
said Jesus,
“your faith has healed you. Go in peace and be free of your affliction.”
35
GAX
Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane.
BSB
BSB:
While He was still speaking, messengers from the house of Jairus arrived and said, “Your daughter is dead; why bother the Teacher anymore?”
36
GAX
Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe.
BSB
BSB:
But Jesus overheard their conversation and said to Jairus,
“Do not be afraid; just believe.”
37
GAX
Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne.
BSB
BSB:
And He did not allow anyone to accompany Him except Peter, James, and John the brother of James.
38
GAX
Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge.
BSB
BSB:
When they arrived at the house of the synagogue leader, Jesus saw the commotion and the people weeping and wailing loudly.
39
GAX
Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
He went inside and asked,
“Why all this commotion and weeping? The child is not dead, but asleep.”
40
GAX
Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene.
BSB
BSB:
And they laughed at Him. After He had put them all outside, He took the child’s father and mother and His own companions, and went in to see the child.
41
GAX
Harka isi'ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka'i!» jechu'u.
BSB
BSB:
Taking her by the hand, Jesus said,
“Talitha koum!”
which means,
“Little girl, I say to you, get up!”
42
GAX
Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane.
BSB
BSB:
Immediately the girl got up and began to walk around (she was twelve years old). And at once they were utterly astounded.
43
GAX
Yesuus ammoo, akka isaan eennulle'etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi'iif kenna'a!» jedhe.
BSB
BSB:
Then Jesus gave strict orders that no one should know about this, and He told them to give her something to eat.
Chapter complete
You’ve read Mark 5
Chapter 5 of 16 in Mark
Up next
Mark 6
Read Mark 6
Listen
Back to Mark 4
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Mark 5
A question this chapter raises
Why did God strike Uzzah for steadying the ark?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Mark 4
Mark 5
Mark 6