Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.41.7
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Mark
Mark
4
GAX
BSB
A
a
Mark 4
4
Mark
Ministry in Galilee
Guji Oromo Bible
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus cinaa abbaayaa Galiila'aatitti ammalle barsiisuu jalqabe. Gumiin sonaan guddo'oo isa biratti wolitti qabantee jennaan, Yesuus hoboloo yaabee Abbaayaa gubba'atti keessa tee'e. Gumiin sun maraa ammoo lafa irra qarqara abbaayaa sanii dhaabbatteertiiyyu.
BSB
BSB:
Once again Jesus began to teach beside the sea, and such a large crowd gathered around Him that He got into a boat and sat in it, while all the people crowded along the shore.
2
GAX
Yesuus waan hedduu isaan barsiisiisaaf itti mammaakee:
BSB
BSB:
And He taught them many things in parables, and in His teaching He said,
3
GAX
«Caqasa'a! Namichi tokko midhaan facaasu'uuf baye.
BSB
BSB:
“Listen! A farmer went out to sow his seed.
4
GAX
Adoo inni facaasuu, midhaan gariin karaa qarqara harca'e; sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte.
BSB
BSB:
And as he was sowing, some seed fell along the path, and the birds came and devoured it.
5
GAX
Gariin ammoo lafa dhakittii, lafa biyyee guddoo hin qanne irra harca'e; lafi inni irra harca'e biyyee gad fageenna waan hin qanneef ariifatee mudhe.
BSB
BSB:
Some fell on rocky ground, where it did not have much soil. It sprang up quickly because the soil was shallow.
6
GAX
Yennaa aduun itti baate ammoo qoore; hidda gad fago'oo waan hin qanneef goge.
BSB
BSB:
But when the sun rose, the seedlings were scorched, and they withered because they had no root.
7
GAX
Gariin qoree keessa harca'e; qoreelle guddattee isa huute; innille midhaan hin buune.
BSB
BSB:
Other seed fell among thorns, which grew up and choked the seedlings, and they yielded no crop.
8
GAX
Gariin ammoo biyyee dansaa keessa harca'e; innille mudhee, guddatee, midhaan buuse: gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buuse!» jedhe.
BSB
BSB:
Still other seed fell on good soil, where it sprouted, grew up, and produced a crop—one bearing thirtyfold, another sixtyfold, and another a hundredfold.”
9
GAX
Achiin duuba Yesuus, «Gurra dhage'u ka qabu dhage'uu ti» jedhe.
BSB
BSB:
Then Jesus said,
“He who has ears to hear, let him hear.”
10
GAX
Yennaa Yesuus qofi jiru, worri adaala isaa jiranu fi barattooti kudhanii lamaan waan mammaassa kanaa isa gaafatane.
BSB
BSB:
As soon as Jesus was alone with the Twelve and those around Him, they asked Him about the parable.
11
GAX
Yesuus deebisee, «Dhossaan mootummaa Waaqaa isiniif kennanteerti; worra ala jiruuf ammoo wonni maraa mammaassaan himama.
BSB
BSB:
He replied,
“The mystery of the kingdom of God has been given to you, but to those on the outside everything is expressed in parables,
12
GAX
Wonni himamuufille, «‹Isaan ilaalanee ilaalaneelle, ijjumaa akka hin dhaggine; dhage'anee dhage'aneelle, ijjumaa akka hin hubanne; gara Waaqaa deebi'anee innille isaaniif akka hin araaranneefii› » isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
so that, ‘they may be ever seeing but never perceiving, and ever hearing but never understanding; otherwise they might turn and be forgiven.’”
13
GAX
Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Mammaassi kun isiniif hin galuu? Eegasuu attamiin mammaassa dhibii hubattan ree?
BSB
BSB:
Then Jesus said to them,
“Do you not understand this parable? Then how will you understand any of the parables?
14
GAX
Namichi facaasu jecha Waaqaa facaasa.
BSB
BSB:
The farmer sows the word.
15
GAX
Midhaan karaa qarqara harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen, Seexanni dhufee jecha dhage'ane san isaan keessaa fudhatuu ti.
BSB
BSB:
Some are like the seeds along the path, where the word is sown. As soon as they hear it, Satan comes and takes away the word that was sown in them.
16
GAX
Midhaan lafa dhakiti'itti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa akkuma dhage'aneen gammadaan fudhatanuu ti.
BSB
BSB:
Some are like the seeds sown on rocky ground. They hear the word and at once receive it with joy.
17
GAX
«Ammoo isaan hidda gad fago'oo hin qabanu; yenna'aaf hin dhaabbatan; sababa jecha Waaqaatiif rakkinni yookiin miidhaan yennaa ka'u yoosuma jigan.
BSB
BSB:
But they themselves have no root, and they remain for only a season. When trouble or persecution comes because of the word, they quickly fall away.
18
GAX
Midhaan daggala qore'ee keessatti harca'e, fakkeenna worra jecha Waaqaa caqasuu ti.
BSB
BSB:
Others are like the seeds sown among the thorns. They hear the word,
19
GAX
Ammoo yaaddoon waan lafa tanaa, badhaadhi durumma'aa, halchaan waan adda addaa itti seentee, jecha Waaqaa huutee midhaan adoo hin buusin hafan.
BSB
BSB:
but the worries of this life, the deceitfulness of wealth, and the desire for other things come in and choke the word, and it becomes unfruitful.
20
GAX
Midhaan lafa dansaa keessatti harca'e ammoo, fakkeenna worra jecha Waaqaa dhage'ane fudhatanee, gariin midhaan soddoma, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan dhibba buusanuu ti» jedhe.
BSB
BSB:
Still others are like the seeds sown on good soil. They hear the word, receive it, and produce a crop—thirtyfold, sixtyfold, or a hundredfold.”
21
GAX
Yesuus itti aansee, «Nami ifa fidee qorii jala yookiin taqee jala hin keyaa? Addee mudhatutti fannisaa motii?
BSB
BSB:
Jesus also said to them,
“Does anyone bring in a lamp to put it under a basket or under a bed? Doesn’t he set it on a stand?
22
GAX
Wonni dhokatteertu yoo jiraatte, gara mudhattutti hin baati; wonni dhossa'aa yoo jiraatte, gara ifaatitti hin baati.
BSB
BSB:
For there is nothing hidden that will not be disclosed, and nothing concealed that will not be brought to light.
23
GAX
Nami gurra dhage'u qabu dhage'uu ti» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
If anyone has ears to hear, let him hear.”
24
GAX
Yesuus itti dabalee, «Waan dhageettanu qalbeeffadha'a! Waan namaaf ittiin safartanutti isinille'eef hin safarama; caalchifameelle isiniif hin kennama.
BSB
BSB:
He went on to say,
“Pay attention to what you hear. With the measure you use, it will be measured to you, and even more will be added to you.
25
GAX
Nama wo qabuuf, itti dabalamee hin kennamaaf; nama womaa hin qanne ammoo, ka inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatama» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
For whoever has will be given more. But whoever does not have, even what he has will be taken away from him.”
26
GAX
Yesuus itti aansee, «Mootummaan Waaqaa nama ficha'atti midhaan facaasee fakkaatti.
BSB
BSB:
Jesus also said,
“The kingdom of God is like a man who scatters seed on the ground.
27
GAX
Namichi galee halkan hin rafa, guyyaa hin ka'a; midhaan sun ammoo adoo inni hin beekin mudhee guddata.
BSB
BSB:
Night and day he sleeps and wakes, and the seed sprouts and grows, though he knows not how.
28
GAX
Biyyeen ifumaan akka midhaan latee guddatu gooti; dursee mudhee obba, itti aansee daraara, achiin duuba midhaan buusa.
BSB
BSB:
All by itself the earth produces a crop—first the stalk, then the head, then grain that ripens within.
29
GAX
Yennaa midhaan sun bilchaate, haammaan waan geetteef, yennuma san inni haantu'uun haama» jedhe.
BSB
BSB:
And as soon as the grain is ripe, he swings the sickle, because the harvest has come.”
30
GAX
Yesuus ammalle, «Mootummaa Waaqaa maaniin wol fakkeessina? Yookiin mammaassa kamiin isii hinna?
BSB
BSB:
Then He asked,
“To what can we compare the kingdom of God? With what parable shall we present it?
31
GAX
Isiin akka midhaan Sanaafici'ii ti. Midhaan isi'ii yennaa lafatti facaafamu midhaan biyya lafaa maraa irra hin diqqaata.
BSB
BSB:
It is like a mustard seed, which is the smallest of all seeds sown upon the earth.
32
GAX
Inni yennaa facaafame, latee hin guddata; waan ficha'atti facaafame maraa irra ka caalu te'a; dameelee gugurdoo hin baasa. Sinbirreen dhuttee gaaddisa damee isaa jalatti mana ijaarratti» jedhe.
BSB
BSB:
But after it is planted, it grows to be the largest of all garden plants and puts forth great branches, so that the birds of the air nest in its shade.”
33
GAX
Yesuus mammaassa hedduu ka kana fakkaatuun haga hubantii isaaniititti jecha isaanitti hime.
BSB
BSB:
With many such parables Jesus spoke the word to them, to the extent that they could understand.
34
GAX
Inni mammaassaan malee isaanitti hin dubbanne; ammoo yennaa barattoota ifii woliin qofi jiru, waan maraa isaanii hiike.
BSB
BSB:
He did not tell them anything without using a parable. But privately He explained everything to His own disciples.
35
GAX
Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka'aa, gara abbaaya'aan gamaa buunaa» jedhe.
BSB
BSB:
When that evening came, He said to His disciples,
“Let us cross to the other side.”
36
GAX
Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee'eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane.
BSB
BSB:
After they had dismissed the crowd, they took Jesus with them, since He was already in the boat. And there were other boats with Him.
37
GAX
Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo'otti dhangalaatee guutiisa geette.
BSB
BSB:
Soon a violent windstorm came up, and the waves were breaking over the boat, so that it was being swamped.
38
GAX
Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa'a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
BSB
BSB:
But Jesus was in the stern, sleeping on the cushion. So they woke Him and said, “Teacher, don’t You care that we are perishing?”
39
GAX
Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.
BSB
BSB:
Then Jesus got up and rebuked the wind and the sea.
“Silence!”
He commanded.
“Be still!”
And the wind died down, and it was perfectly calm.
40
GAX
Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
BSB
BSB:
“Why are you so afraid?”
He asked.
“Do you still have no faith?”
41
GAX
Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe'ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
BSB
BSB:
Overwhelmed with fear, they asked one another, “Who is this, that even the wind and the sea obey Him?”
Chapter complete
You’ve read Mark 4
Chapter 4 of 16 in Mark
Up next
Mark 5
Read Mark 5
Listen
Back to Mark 3
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Mark 4
Ask Study Help
Ask anything about Mark 4
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Mark 3
Mark 4
Mark 5