Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.36.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Matt
Matthew
5
GAX
BSB
A
a
Matthew 5
5
Matthew
The Sermon on the Mount
Guji Oromo Bible
Jerusalem
, place
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane.
BSB
BSB:
When Jesus saw the crowds, He went up on the mountain and sat down. His disciples came to Him,
2
GAX
Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee:
BSB
BSB:
and He began to teach them, saying:
3
GAX
«Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
BSB
BSB:
“Blessed are the poor in spirit, for theirs is the kingdom of heaven.
4
GAX
Worri gadde gammaduu; Waaqi isaan hin jajjabeessa!
BSB
BSB:
Blessed are those who mourn, for they will be comforted.
5
GAX
Worri ifi gad qabu gammaduu; isaan lafa hin dhaalan!
BSB
BSB:
Blessed are the meek, for they will inherit the earth.
6
GAX
Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu; Waaqi isaan hin quussa.
BSB
BSB:
Blessed are those who hunger and thirst for righteousness, for they will be filled.
7
GAX
Worri namaaf mararfatu gammaduu; Waaqi isaaniif hin mararfata!
BSB
BSB:
Blessed are the merciful, for they will be shown mercy.
8
GAX
Worri gadhaa qullu'uu gammaduu; isaan Waaqa hin dhaggan!
BSB
BSB:
Blessed are the pure in heart, for they will see God.
9
GAX
Worri nageya buusu gammaduu; isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
BSB
BSB:
Blessed are the peacemakers, for they will be called sons of God.
10
GAX
Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
BSB
BSB:
Blessed are those who are persecuted because of righteousness, for theirs is the kingdom of heaven.
11
GAX
«Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a.
BSB
BSB:
Blessed are you when people insult you, persecute you, and falsely say all kinds of evil against you because of Me.
12
GAX
Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
Rejoice and be glad, because great is your reward in heaven, for in the same way they persecuted the prophets before you.
13
GAX
Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kuraawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.
BSB
BSB:
You are the salt of the earth. But if the salt loses its savor, how can it be made salty again? It is no longer good for anything, except to be thrown out and trampled by men.
14
GAX
«Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u.
BSB
BSB:
You are the light of the world. A city on a hill cannot be hidden.
15
GAX
Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu.
BSB
BSB:
Neither do people light a lamp and put it under a basket. Instead, they set it on a stand, and it gives light to everyone in the house.
16
GAX
Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.
BSB
BSB:
In the same way, let your light shine before men, that they may see your good deeds and glorify your Father in heaven.
17
GAX
Yesuus, «Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaaf dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne.
BSB
BSB:
Do not think that I have come to abolish the Law or the Prophets. I have not come to abolish them, but to fulfill them.
18
GAX
Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleen adoo hin muummowin hin baddu.
BSB
BSB:
For I tell you truly, until heaven and earth pass away, not a single jot, not a stroke of a pen, will disappear from the Law until everything is accomplished.
19
GAX
Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.
BSB
BSB:
So then, whoever breaks one of the least of these commandments and teaches others to do likewise will be called least in the kingdom of heaven; but whoever practices and teaches them will be called great in the kingdom of heaven.
20
GAX
Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu» isaaniin jedhe.
BSB
BSB:
For I tell you that unless your righteousness exceeds that of the scribes and Pharisees, you will never enter the kingdom of heaven.
21
GAX
Yesuus itti dabalee, «‹Hin ijjeesin; nami nama ijjeese mura'aaf dhikaata› jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan.
BSB
BSB:
You have heard that it was said to the ancients, ‘Do not murder’ and ‘Anyone who murders will be subject to judgment.’
22
GAX
Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Gowwa'a!› yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‹Daallee!› yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata.
BSB
BSB:
But I tell you that anyone who is angry with his brother will be subject to judgment. Again, anyone who says to his brother, ‘Raca,’ will be subject to the Sanhedrin. But anyone who says, ‘You fool!’ will be subject to the fire of hell.
23
GAX
Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte,
BSB
BSB:
So if you are offering your gift at the altar and there remember that your brother has something against you,
24
GAX
kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi.
BSB
BSB:
leave your gift there before the altar. First go and be reconciled to your brother; then come and offer your gift.
25
GAX
«Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha.
BSB
BSB:
Reconcile quickly with your adversary, while you are still on the way to court. Otherwise, he may hand you over to the judge, and the judge may hand you over to the officer, and you may be thrown into prison.
26
GAX
Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
BSB
BSB:
Truly I tell you, you will not get out until you have paid the last penny.
27
GAX
Yesuus, « ‹Hin gaarayyeeffatin› akka jedhame dhageettaneertan.
BSB
BSB:
You have heard that it was said, ‘Do not commit adultery.’
28
GAX
Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
BSB
BSB:
But I tell you that anyone who looks at a woman to lust after her has already committed adultery with her in his heart.
29
GAX
Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujisiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya.
BSB
BSB:
If your right eye causes you to sin, gouge it out and throw it away. It is better for you to lose one part of your body than for your whole body to be thrown into hell.
30
GAX
Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujisiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya» jedhe.
BSB
BSB:
And if your right hand causes you to sin, cut it off and throw it away. It is better for you to lose one part of your body than for your whole body to depart into hell.
31
GAX
Ammalle Yesuus, « ‹Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti› jedhameeraayyu.
BSB
BSB:
It has also been said, ‘Whoever divorces his wife must give her a certificate of divorce.’
32
GAX
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.
BSB
BSB:
But I tell you that anyone who divorces his wife, except for sexual immorality, brings adultery upon her. And he who marries a divorced woman commits adultery.
33
GAX
Yesuus, «Ammalle, ‹Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a› akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan.
BSB
BSB:
Again, you have heard that it was said to the ancients, ‘Do not break your oath, but fulfill your vows to the Lord.’
34
GAX
Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin,
BSB
BSB:
But I tell you not to swear at all: either by heaven, for it is God’s throne;
35
GAX
lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a.
BSB
BSB:
or by the earth, for it is His footstool; or by Jerusalem, for it is the city of the great King.
36
GAX
Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin.
BSB
BSB:
Nor should you swear by your head, for you cannot make a single hair white or black.
37
GAX
Dubbiin teessan ‹Ee› yoo teete ‹Ee›, yookiin ‹Waawwoo› yoo teete ‹Waawwoo› teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte» jedhe.
BSB
BSB:
Simply let your ‘Yes’ be ‘Yes,’ and your ‘No,’ ‘No.’ Anything more comes from the evil one.
38
GAX
Yesuus itti dabalee, «‹Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif› akka jedhame isin dhageettaneertan.
BSB
BSB:
You have heard that it was said, ‘Eye for eye and tooth for tooth.’
39
GAX
Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi;
BSB
BSB:
But I tell you not to resist an evil person. If someone slaps you on your right cheek, turn to him the other also;
40
GAX
nami tokko shaamisii teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif.
BSB
BSB:
if someone wants to sue you and take your tunic, let him have your cloak as well;
41
GAX
Nami tokko hunnaan kiiloo meetira tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiiloo meetira lama woliin deemi.
BSB
BSB:
and if someone forces you to go one mile, go with him two miles.
42
GAX
Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe.
BSB
BSB:
Give to the one who asks you, and do not turn away from the one who wants to borrow from you.
43
GAX
Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan.
BSB
BSB:
You have heard that it was said, ‘Love your neighbor’ and ‘Hate your enemy.’
44
GAX
Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a.
BSB
BSB:
But I tell you, love your enemies and pray for those who persecute you,
45
GAX
Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa.
BSB
BSB:
that you may be sons of your Father in heaven. He causes His sun to rise on the evil and the good, and sends rain on the righteous and the unrighteous.
46
GAX
Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godhan!
BSB
BSB:
If you love those who love you, what reward will you get? Do not even tax collectors do the same?
47
GAX
Obboleeyyan teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan!
BSB
BSB:
And if you greet only your brothers, what are you doing more than others? Do not even Gentiles do the same?
48
GAX
Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuu akka te'e, isinille mijuu te'a'a» jedhe.
BSB
BSB:
Be perfect, therefore, as your heavenly Father is perfect.
Chapter complete
You’ve read Matthew 5
Chapter 5 of 28 in Matthew
Up next
Matthew 6
Read Matthew 6
Listen
Back to Matthew 4
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Matthew 5
A question this chapter raises
What about the Crusades?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Matthew 4
Matthew 5
Matthew 6