Opened
By The Kingdom Tribe (TKT).
Built by Paruto.
v1.36.0
Skip to content
Opened
Today
Ask
Read
Journey
More
Matt
Matthew
6
GAX
BSB
A
a
Matthew 6
6
Matthew
The Sermon on the Mount
Guji Oromo Bible
Solomon
, person
Guji Oromo Bible
Berean Standard Bible
1
GAX
Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.
BSB
BSB:
“Be careful not to perform your righteous acts before men to be seen by them. If you do, you will have no reward from your Father in heaven.
2
GAX
«Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
BSB
BSB:
So when you give to the needy, do not sound a trumpet before you, as the hypocrites do in the synagogues and on the streets, to be honored by men. Truly I tell you, they already have their full reward.
3
GAX
Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin.
BSB
BSB:
But when you give to the needy, do not let your left hand know what your right hand is doing,
4
GAX
Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna.
BSB
BSB:
so that your giving may be in secret. And your Father, who sees what is done in secret, will reward you.
5
GAX
«Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
BSB
BSB:
And when you pray, do not be like the hypocrites. For they love to pray standing in the synagogues and on the street corners to be seen by men. Truly I tell you, they already have their full reward.
6
GAX
Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna.
BSB
BSB:
But when you pray, go into your inner room, shut your door, and pray to your Father, who is unseen. And your Father, who sees what is done in secret, will reward you.
7
GAX
«Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan.
BSB
BSB:
And when you pray, do not babble on like pagans, for they think that by their many words they will be heard.
8
GAX
Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
BSB
BSB:
Do not be like them, for your Father knows what you need before you ask Him.
9
GAX
«Tanaaf, yennaa daadimattanu, «‹Abbaa keenna ka ol-gubbaa jirtu, Maqaan keeti woyyoomu;
BSB
BSB:
So then, this is how you should pray: ‘Our Father in heaven, hallowed be Your name.
10
GAX
mootummaan teeti dhuttu; fedhiin teeti akkuma ol-gubba'atti teete, lafalle'etti teetu.
BSB
BSB:
Your kingdom come, Your will be done, on earth as it is in heaven.
11
GAX
Sagalee guyyuma guyya'aan nuu barbaachittu adha nuu kenni.
BSB
BSB:
Give us this day our daily bread.
12
GAX
Akkuma nuuti worra nu yakkuuf araarannu, yakkaa teenna nuu araarami.
BSB
BSB:
And forgive us our debts, as we also have forgiven our debtors.
The ending of the Lord’s Prayer
13
GAX
Hamaalessa irraa nu eegi malee, ataabe'etti nu hin galchin.
Mootummaan, hunni, ulfinnille baruma baraan keetuma. Ameen
› jedha'a.
BSB
BSB:
And lead us not into temptation, but deliver us from the evil one.’
14
GAX
«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama.
BSB
BSB:
For if you forgive men their trespasses, your heavenly Father will also forgive you.
15
GAX
Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.
BSB
BSB:
But if you do not forgive men their trespasses, neither will your Father forgive yours.
16
GAX
Yesuus, «Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran.
BSB
BSB:
When you fast, do not be somber like the hypocrites, for they disfigure their faces to show men they are fasting. Truly I tell you, they already have their full reward.
17
GAX
Ati ammoo yennaa laantu, fuula keeti dhiqadhu, mataa keetille iffadhu!
BSB
BSB:
But when you fast, anoint your head and wash your face,
18
GAX
Tanaaf laamiisa keeti, Abbaa keeti ka addee dhokatte jiru qofatti beeka malee, worri dhibiin beekuu hin dande'u. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan hujju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna» jedhe.
BSB
BSB:
so that your fasting will not be obvious to men, but only to your Father, who is unseen. And your Father, who sees what is done in secret, will reward you.
19
GAX
Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a.
BSB
BSB:
Do not store up for yourselves treasures on earth, where moth and rust destroy, and where thieves break in and steal.
20
GAX
Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a.
BSB
BSB:
But store up for yourselves treasures in heaven, where moth and rust do not destroy, and where thieves do not break in and steal.
21
GAX
Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.
BSB
BSB:
For where your treasure is, there your heart will be also.
22
GAX
Yesuus, «Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a;
BSB
BSB:
The eye is the lamp of the body. If your eyes are good, your whole body will be full of light.
23
GAX
ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!» jedhe.
BSB
BSB:
But if your eyes are bad, your whole body will be full of darkness. If then the light within you is darkness, how great is that darkness!
24
GAX
Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u» jedhe.
BSB
BSB:
No one can serve two masters: Either he will hate the one and love the other, or he will be devoted to the one and despise the other. You cannot serve both God and money.
25
GAX
«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?
BSB
BSB:
Therefore I tell you, do not worry about your life, what you will eat or drink; or about your body, what you will wear. Is not life more than food, and the body more than clothes?
26
GAX
Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
BSB
BSB:
Look at the birds of the air: They do not sow or reap or gather into barns, and yet your heavenly Father feeds them. Are you not much more valuable than they?
27
GAX
Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle ka dande'ee dabalatu jiraa?
BSB
BSB:
Who of you by worrying can add a single hour to his life?
28
GAX
«Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu.
BSB
BSB:
And why do you worry about clothes? Consider how the lilies of the field grow: They do not labor or spin.
29
GAX
Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima.
BSB
BSB:
Yet I tell you that not even Solomon in all his glory was adorned like one of these.
30
GAX
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
BSB
BSB:
If that is how God clothes the grass of the field, which is here today and tomorrow is thrown into the furnace, will He not much more clothe you, O you of little faith?
31
GAX
«Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina'a;
BSB
BSB:
Therefore do not worry, saying, ‘What shall we eat?’ or ‘What shall we drink?’ or ‘What shall we wear?’
32
GAX
worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
BSB
BSB:
For the Gentiles strive after all these things, and your heavenly Father knows that you need them.
33
GAX
Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti.
BSB
BSB:
But seek first the kingdom of God and His righteousness, and all these things will be added unto you.
34
GAX
Maarre marroo boruutiif hin yaadayina'a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.
BSB
BSB:
Therefore do not worry about tomorrow, for tomorrow will worry about itself. Today has enough trouble of its own.
Chapter complete
You’ve read Matthew 6
Chapter 6 of 28 in Matthew
Up next
Matthew 7
Read Matthew 7
Listen
Back to Matthew 5
Go deeper
Commentary
What the commentators say on Matthew 6
A question this chapter raises
Hasn’t evolution explained away design?
GAX
Guji Oromo Bible. Copyright © 2025 The Word for the World International. Licensed under CC BY-SA 4.0 (creativecommons.org/licenses/by-sa/4.0). Text from eBible.org; verses renumbered to the KJV scheme where they differ, otherwise unchanged.
BSB
The Holy Bible, Berean Standard Bible, BSB. Dedicated to the public domain. BereanBible.com
Matthew 5
Matthew 6
Matthew 7